Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Asakoo keessatti Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo lukkeelee diinaa du’aa fi madoon adabuu beeksise

ONM-ABO Sadaasa 7, 2024 

Irree fi gaachanni sabaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa keessatti loltoota Bilxiginnaa ajaja Koloneel Abiy Ahimediin hawaasa meesha maleessa dararuuf bobbaafaman rasaasaan akaa’ee  baaruudaan macheessee watwwaachisuun du’aa fi  madoon adabee harkaan qabaa fi meeshaalee hedduu dugda ishee irraa hiikuun galii mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoof gochaa jira.

Godina Arsii Bahaa aanaa Asakoo keessatti Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo lukkeelee diinaa watwwaachisuun du’aaf madoon adabuun injifannoo boonsaa argatee jira.

Abdiin saba guddaa korommiiwwan WBO Zoonii Kibbaa Cibraan Hambaa Aanolee Urjiileen Arba Guugguu aanaa Asakoo keessatti Sadaasa 5, 2024 haxxee itti hidhuun loltoota sirnichaa hawaasa nagaa dararuuf bobbaafamte baruuda itti ulee rasaasaan waaduun battalatti loltoota 11 irraa  ajjeesuun, kanneen baay’inaan 17 taatu immoo madoo dandammii hin qabneen adabuu hooggansi WBO bakkichaa beeksisee jira.

Kana malees, Waraanni Bilisummaa Oromoo loltoota Abiy Ahimed ari’ee bakka isheen irraa dhuftetti deebisuun kaan gargar bittinneessee qawwee AKM 2 fi qophiilee waraanaa hedduu dugda ishee irraa hiikee galii mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo godhee jira.

Loltootni Bilxiginnaa lola sana irraa hafte kotte na baasiin hanga kaleessaatti gara magaalaatti galaa turuun barameera.

Exit mobile version