Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensonni Raayyaa Ittisa impaayerattii 3 godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaa fi Diggaa irraa gooticha WBO’tti harka kennatan

ONM-ABO Sadaasa 6, 2024 

Loltootni dirqiidhaan waraanummaan cubbamtuu impaayera Itiyoophiyaa tajaajilaa jiran Sabaa fi Sab-lammoonni miseensa waraana bilxiginnaa waamicha jaarmiyaan ABO- WBO yeroo adda addaatti taasisaafii jiru kabajuun guyyaa guyyaan golee Oromiyaa cufa keessaa gooticha WBO’tti karaa nagaa harka kennachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan miseensonni Raayyaa Ittisa impaayerattii 3 godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa fi Diggaa irraa gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun barameera.

Miseensonni waraana bilxiginnaa harka kennatan kunneen kanaan duras fedhii isaanii malee dirqamaan ukkaamfamuun leenjii gahaa tokko malee waraannummaan ji’oota muraasaaf impaayerattii tajaajilaa kan turan yoo ta’u, Sadaasa 2, 2024 aanaa Saasiggaa irraa miseensi Raayyaa Ittisa impaayerattii tokko qawwee AKM Turkii tokko qabachuun akkasumas aanaa Diggaa mooraa waraana bilxiginnaa iddoo Kireecharii jedhamu irraa ammoo loltootni 2 qawwee fi uffata waraanaa qabachuun sirna abbaa irree PP ganuun WBO bira nagaan gahuun beekameera.

Kara WBO simannaa taasifameefitti kan gammadan miseensonni waraana PP kunneen, holola bilxiginnaan afarsitu soba ta’uu barree kabaja namummaa WBO’n dhala namaaf qabu hubannee sodaa tokko malee harka kennachuu murteessinee dhufne jedhan.

Dhuma irrattis hiriyyoota isaanii mooraa diinaatti hafaniin, qawwee diinaa baattanii du’a seenaa hin qabne du’uu irra kallattii isiniif danda’ame maraan qawwee keessan qabadhaa WBO’tti harka kennachuun gara manaatti galaa jireenya dhuunfaa keessanii jiraadhaa jechuun dhaamaniifii jiru.

Exit mobile version