Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootiin Sa’uudii fi pirezidaantotni biyyoota adda addaa Tiraamp injifannoo filannoo Ameerikaatiin argataniin baga gammaddan jedhan

ONM-ABO Sadaasa 7, 2024 

Mootiin Sa’uudii Saalmaan fi mootiin gonfoo Mohaammad Bin Salmaan Roobii kaleessaa Doonaald Tiraamp filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa injifachuu isaaniitiin baga gammaddan jechuu isaanii Dhaabbanni Pireesii Sa’udii (SPA)n gabaaseera. Mootiin Salmaan fi Mahaammad Bin Saalmaan kaadhimamaa paartii Dimookiraat Kamalaa Haaris injifachuun gara Waayit Haawusitti kan deebi’an Tiraampiin baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru.  

Waajjirri pirezidaantii Kooriyaa Kibbaa Roobii kaleessaa bulchiinsa Ameerikaa haaraa waliin tumsa nageenyaa “guutuu” ta’e akka ijaartu ibseera.

Qondaalli pirezidaantii olaanoo tokko gaazexeessitootaaf akka himanitti, prezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suk Yehol guyyoota itti aanan keessatti pirezidaantii Ameerikaa filataman waliin ni dubbatu jedhamee eegama.

Pirezidaantiin Masrii Abdul Fattaa Al Sisiinis Mr. Tiraamp filannoo Ameerikaa bara kana injifachuu isaaniitiin erga baga gammaddanii dabarsaniiru.

Mr. Tiraamp bara gadaa aangoo isaanii duraatti Masriin hidhaa haaromsa guddicha Itoophiyaa dhoosuu dandaassi jedhanii dubbatanii turuun ni yaadatama.

Pirezidaantotni fi bulchitootni addunyaa golee  garaa garaa irra jiran mootii Amaarikaa 47ffaa lola Israa’elii fi Hamaas akkasumas Yuukireenii fi Raashiyaa niin dhaaba jechuun dubbachaa turan kanaaf baga gammaddan ittiin jechaa jiraachuun miidiyaaleen adda addaa gabaasaa jiraachuu AFP, Rooyiteers fi miidiyaaleen biroo gabaasaa jiru.

Exit mobile version