Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Tiraamp bara hojii haaraaf eebba isaaniitiin ergaa baga gammaddanii dabarsan

ONM-ABO Amajjii 21, 2025 

Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan wiixata kaleessaa Doonaald Tiraamp prezidaantii Ameerikaa ta’uun yeroo deebi’uuf eebbifamuu isaaniitiin baga gammaddan jedhan.

“Pireezidaantiin Doonald Trump Pirezidaantii Yunaayitid Isteetis 47ffaa ta’uun eebba keessan sababeeffachuun baga gammaddan ittin jedhan. 

Walta’iinsa dhiyeenyaa fi walfayyadu saboota keenya lamaan gidduutti gama tumsa keenya hunda keessatti itti fufuuf hawwii guddaan eeggadha,” jechuun Raamaafoosaan X irratti barreessee, hogganaa Afrikaa jalqabaa waltajjii kanarratti Tiraampiin baga gammaddan jedhe taasiseera.

Bilbila Sadaasa keessa Tiraamp waliin taasisaniin, Raamaafoosaan hawwii gaarii Afrikaa Kibbaa dheeressuun waggoota afur aangoo irraa erga bahee booda marsaa biraa injifachuu isaaniitiin baga gammaddan jedhan.

”Yeroo bilbilaan bilbilletti lamaan keenyayyuu hariiroo daldalaa fi siyaasaa keenya cimsuun barbaachisaa ta’uu irratti walii galle,” jechuun yeroo sanatti X irratti dubbataniiru.

Ramaafoosaan akkasumas Afrikaan Kibbaa yaa’ii hoggantoota biyyoota G20 dhuma bara kanaa biyyattiitti gaggeeffamu irratti Tiraamp keessummeessuuf hawwii guddaan eeggachaa akka jirtu dubbataniiru.

Afrikaan Kibbaa Muddee keessa pirezidaantummaa G20 ifatti kan fudhatte yoo ta’u, biyya Afrikaa yeroo jalqabaaf garee biyyoota humna guddaa qaban kana hoogganteedha.

Diinagdeen keenya baayyee xiqqaadha garuu qaama G20 waan taaneef, ejjennoo addunyaa kana irratti qabnuun, akkasumas ejjennoo hedduu fudhannee fi cimina dinagdee keenyaa akkasumas ulfaatina mataa keenyaa ol rukutaa jirra,” jechuun Raamaafoosaan yeroo sanatti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version