ONM-ABO Sadaasa 9, 2024
Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa Jimaata kaleessaa pirezidaantii haaraa filatame Doonaald Tiraamp waliin bilbilaan haasa’uu isaanii ibsuun hawwii gaarii biyya isaanii fi baga gammaddan jedhan.
”Yeroo bilbilaan bilbillu lamaan keenyayyuu walitti dhufeenya daldalaa fi siyaasaa keenya cimsuun barbaachisaa ta’uu irratti walii galle,” jechuun X irratti dubbataniiru.
Raamaafoosaan akkasumas Afrikaan Kibbaa walgahii hoggantoota biyyoota G20 bara dhufu biyyattii keessatti gaggeeffamu irratti Tiraamp keessummeessuuf hawwii guddaan eeggachaa akka jirtu dubbataniiru jechuun Arabs news gabaaseera.
Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoonis Doonaald Tiraamp waliin dhimma daldalaa fi invastimantii, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii dabalatee dameewwan faayidaa waliinii lammiilee biyyoota keenya lamaan fayyadan irratti mari’anneerra jedhan.
Ergama Deggarsa Nageenyaa Biyyoota Hedduu Keeniyaan durfamu Heeyitii fi naannoowwan tumsa mootummaa Ameerikaa waliin ta’uu danda’an irratti Pirezidaanti Tiraamp waliin dubbachuu fuula Facebook isaanii irratti ibsaniiru.

