Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa hooggantoonni Ameerikaa hokkara yaalii ajjeechaa Tiraamp irratti raawwatame ilaalchisee ka’e akka dhaaban gaafatan

ONM-ABO Adoolessa 15, 2024

Yaalii ajjeechaa pirezidaantii Ameerikaa duraanii Doonaald Tiraamp irratti raawwatame ‘balaa gara jabummaa siyaasaa, wal danda’uu dhabuu cimsee kan yaadachiisuudha,’ jedhu Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan.

Prezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan Dilbata kaleessaa yaalii ajjeechaa pirezidaantii Ameerikaa duraanii Doonaald Tiraamp irratti raawwatame balaaleffachuun hooggantoonni Ameerikaa “hokkora diduu fi furmaata karaa nagaa akka barbaadan” gaafataniiru.

Yaalii ajjeechaa Tiraamp “balaa finxaaleeyyii siyaasaa fi wal danda’uu dhabuu cimsee kan yaadachiisuudha,” jedhan Raamaafoosaan.

“Jeequmsi siyaasaa faallaa dimokiraasiiti,” jechuun X irratti kan dubbatan yoo ta’u, pirezidaantiin duraanii Ameerikaa “saffisaan akka fayyan” hawwaniiru.

“Jeequmsa siyaasaa kana ifatti balaaleffanna, lammiileen fi hooggantoonni Ameerikaa jeequmsa didanii furmaata nagaa barbaaduuf jabinaa fi ogummaa akka qabaatan cimsinee abdii qabna,” jedhan prezidaantiin Afrikaa Kibbaa ji’a darbe marsaa lammaffaaf irra deebi’anii filataman.

Tiraamp hiriira duula filannoo Sanbata darbe Pensilvaaniyaa keessatti gaggeeffameen gurra isaanii irra rasaasaan rukutamaniiru.

Dhukaasni kun yaalii ajjeechaa ta’uu mala jedhamee qoratamaa jira.

Taatee kanaan booda sa’atii muraasa booda qorannoon biiroo federaalaa nama dhukaase kana nama ganna 20 Toomaas Maatiyoo Kiruuks kan Pensilvaaniyaa ta’uu isaa adda baasee ibseera.

Kirooksii fi namni hiriira irratti hirmaate tokko ajjeefamaniiru, daawwattoonni biroo lama ammoo madaa’aniiru jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version