Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Tiraamp Pirezidaantiin Chaayinaa Shiin, ‘walii galtee waliin gochuuf cimaa’ jechuun waaman

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2025 

Doonaald Traamp Kibxata kaleessaa akka jedhanitti, prezidaantiin Chaayinaa Shiin Jiinping waliigaltee gochuuf fi garmalee rakkisaadha,” jechuun ibsan.

“Pireezidantii Shii Chaayinaa nan jaalladha, garuu baay’ee cimaadha, akkasumas waliigaltee waliin gochuuf garmalee ulfaataadha,” jechuun Tiraamp barreeffama Truth Social irratti dubbatan.

Ministirri Pireesii Waayit Haawus Kaarolin Liivit, hoggantoonni lamaan waliigaltee taarifa ji’a darbe Jenevaatti, dhimmoota daldalaa gurguddoo ta’an keessaa irratti garaagarummaa ittisuu waan barbaadaniif torban kana Tiraamp Shii waliin haasa’u jedhan.

Manni murtii daldalaa Ameerikaa torban darbe akka jedhetti, Tiraamp seera aangoo hatattamaatiin Chaayinaa fi biyyoota biroo irraa taarifa isaanii kaa’uu irratti aangoo isaanii irra darbuu isaanii ibsaniiru.

Sa’aatii 24 osoo hin guutin manni murtii ol’iyyannoo federaalaa taarifa kana deebisee kan kaa’e yoo ta’u, ol’iyyannoo mootummaa ilaaluuf murtii mana murtii daldalaa dhaabbachaa jira jedheera jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version