Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Tiraamp Pireezidaantiin Chaayinaa Shiin abbaa qabeenyaa miidiyaa Hoong Koong hidhame Jiimii Laayi akka bilisa baasu gaafatan

ONM-ABO Muddee 16,2025 Pirezidaantiin Yunaayitid Isteets Doonaald Traamp, abbaan qabeenyaa miidiyaa Hoong Koong  kan dimokiraasii deggeru Jiimii Laayi hidhamee ture akka gadhiisu dhuunfaan igaafachuun, murtii itti murtaa’ee booda fayyaan maanguddoon ganna 78 kanaa baay’ee akka isaan yaaddessu himaniiru.

Wiixata kaleessaa Manni Murtii Olaanaa Hoong Koong dhaddacha nageenya biyyaalessaa isaa irratti himannaa sadiin Laayiin yakkamaa ta’uu murteesse, murtiin kun gareewwan mirga falmaniin bilisummaa pireesii wiirtuu faayinaansii Chaayinaa keessatti rukuttaa murteessaa ta’uu kaasuun  balaaleffate.

Abbaan alangaa Laayiin mootummoonni biyya alaa Hoong Koong ykn Chaayinaa irratti tarkaanfii akka fudhatan jajjabeessuuf shira qopheessee, akkasumas aanga’oota Chaayinaa irratti barreeffamoota “mufannaa kakaasan” maxxanseera jechuun himataniiru. Laayi balleessaa akka hin qabne kan amane ta’us, balleessaa isaa hordofuun murtii umrii guutuu itti murtaa’uu danda’a.

“Waa’ee kanaa Pirezidaanti Shii waliin haasa’een ture, gadhiifamuu isaaniis akka ilaalan gaafadheera,” jechuun Tiraamp Wiixata kaleessaa gaazexeessitootaaf kennaniin,garuu  yoom gaaffii kana Shiiif akka dhiyeessan hin dubbanne. 

“Inni nama umriin isaa guddaa ta’edha, fayyaas miti. Kanaaf gaaffii sana kaa’eera. Waan ta’u ni ilaalla,” jedhan Tiraamp.

Tiraamp Onkoloolessa keessa Kooriyaa Kibbaatti Shii waliin kan wal argan yoo ta’u, achitti dhimma Laayi hogganaa Chaayinaa waliin kaasuun isaanii ni yaadatama. Yaada Tiraamp Wiixata kaleessaa kennaniin yeroo muraasa booda, ministirri haajaa alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon murtiin kun kutannoo Beejiing mormii ukkaamsuuf qabdu kan cimsudha jedhan.

Ruubiyoon murtiin kun Chaayinaan “warra bilisummaa dubbii fi mirga bu’uuraa biroo eeguuf barbaadan callisisuuf” murteessuu ishee agarsiisa jedhan jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version