ONM-ABO Caamsaa 2, 2025
Chaayinaan Jimaata kaleessaa marii taarifa irratti mari’achuuf amma Ameerikaa irraa dhihaatee fi Waashingitan marii barbaaduu keessatti “ka’umsa fudhattee” fudhatte“ akka madaaltu ibsiteetti.
“US dhiheenya kana yeroo hedduu kaka’umsa horachuun karaa qaamolee dhimmi ilaallatuun Chaayinaa waliin haasa’uuf abdii qabaattee jirti,” jedhan Ministeerri Daldalaa Beejiing. Dubbi himaan kun itti dabaluudhaan, “Chaayinaan eroo ammaa kana madaalaa jirti” jedhan.
Taarifa Ameerikaa oomisha Chaayinaa hedduu irratti dhibbeentaa 145 irra gahe baatii Ebla keessa hojiirra kan oole yoo ta’u, Beejiing ammoo Ameerikaa irraa galtee irratti qaraxa haaraa dhibbeentaa 125n deebii kennitee jirti.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Chaayinaan taarifa kanarratti marii akka taasistu irra deddeebi’anii himaniiru. Akkasumas Roobii dheengaddaa Tiraamp irra deebi’anii “carraan waliigaltee gochuuf deemnu baay’ee gaarii dha” jedhan.
Beejiing Ameerikaan haala “haqaa, kabajaa fi wal-faana” ta’een marii irratti akka bobbaatu irra deddeebitee yoo gaafattu mariin raawwatamuu cimsitee haaltee turte.
“US haasa’uu yoo barbaadde, gochaalee dogoggoraa sirreessuu fi taarifa gama tokkoon jiru haquuf qophaa’uu, akkasumas tarkaanfii fudhachuuf qophaa’uu qabdi” jechuu Ministeerri Daldalaa Chaayinaa AFP’n gabaaseera.

