Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Chaayinaan waldhabdee daldalaa Ameerikaa waliin seente furuuf ‘mariin’ akka taasifamu gaafatte

ONM-ABO Bitootessa 14, 2025 

Chaayinaan Kamisa kaleessaa waldhabdee daldalaa guddachaa dhufe kan dinagdeen addunyaa gurguddoon lamaan galtee walii isaanii irratti taarifa hedduu kaa’an furuuf Waashingitan waliin “marii” akka taasifamu gaafatteetti.

Dubbi himtuun ministeera daldalaa He Yongqiyaan torban torbaniin ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, “Chaayinaan yeroo hunda Chaayinaa fi Ameerikaan garaagarummaa fi falmii damee dinagdee fi daldalaa irratti ilaalcha gaarii fi tumsaa qabaachuu akka qaban leellisaa turte. ”Garuu qunnamtii fi mariin bifa kamiinuu wal kabajuu, walqixxummaa fi wal fayyadamummaa irratti kan hundaa’e ta’uu akka qabu cimee ibsamuu qaba,” jetteetti.

”Doorsisaa fi sodaachisuun bu’aa faallaa qofa ta’uu danda’a. Ameerikaa fi Chaayinaan waliin hojjechuun… marii fi mariidhaan dhimmoota furuu karaa sirrii ta’etti akka deebi’an ni abdatama.”

Erga baatii Amajjii keessa aangoo irratti deebi’anii booda prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Chaayinaa, Kaanaadaa fi Meksikoo dabalatee michoota daldalaa gurguddoo irratti taarifa kan kaa’an yoo ta’u, dhangala’aa fentaniyl lubbuu namaa galaafatu fi keemikaalota dhaabuu dhiisuu kaasuun isaanii ni yaadatama.

Ji’a kana keessa Tiraamp taarifa furtuu kanaan dura oomisha Chaayinaa irratti kaa’aa ture dhibbeentaa 10 gara dhibbeentaa 20’tti ol guddiseera.

Beejiing deebii kenniteetti, waan nyaatamuu fi meeshaalee qonnaa Ameerikaa adda addaa irratti gibira hanga dhibbeentaa 15 dabalteetti jechuun AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version