Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni garboomfataa impaayera Itiyoophiyaa maqaa daataa lafaa lakka’uu jedhuun ergamtoota isaa bobbaasee WBO fi uummaticha irraan dhiibbaa ga’uuf akka jiru barame

ONM-ABO Sadaasa 8, 2024 

Impaayerri Itiyoophiyaa erga hundeeffamtee kaastee moototni irratti wal jijjiiraa dhufan tooftaalee addaa addaa fayyadamuun saboota kan biroo irraa addatti akkaataa ittiin uummata Oromoo boquu gadi qabanii fi harka micciiranii dachee Oromiyaa jiituu, taadhii badhaatuu kana irraa waan fedhan saamanii fi irra jiraatan irratti hojjechaa har’a ga’uun isaanii hunda duraa kan dhokate miti. 

Bu’uuruma kanaan bilxiginnaanis dabaree isaatti mootota darbanirra Oromootti daran hammaachuun qonnaan bulaa, hojjetaa fi daldalaa irratti xiyyeeffachuun karaa ittiin dinagdee uummatichaa qilee buusee ofii aangoo irra bulu mala dha’atee dargaggoota hojii dhabeeyyiitti fayyadamuun baatii Hagayyaa keessa maqaa daataa lafaa fudhachuu jedhuun bakka Tulluu Diimtuu jedhamtutti leenjii kennaafii turuu odeessa keessoo isaaniitii ba’een ifoomee jira.

Akka odeessi keessoo isaaniitii ba’e kun addeessutti Giddu-gala Oromiyaa naannoo bakkewwan akka Koyyee Fachee, Tulluu Diimtuu, Jiddaa, Shunquruu, Cannoon, Darbaa fi Amboo dabalatee baadiyyaa keessa socho’uuf akka jiranii fi iddoo tokko tokkottis eegalanii jiraachuus dabaluun maddeen kun himan.

Haa ta’u malee maqaa daataa lafaa fudhachuun haa deeman malee kaayyoon isaanii akkaataa ittiin qonnaan bulaa saamanii fi haala mijeeffatan ta’uu akkasumas haala odeeffannoo WBO hordofuuf akka ta’es baramee jira.

WBO lolaan dadhabanii tooftaa jijjiiraa jiraachuun hojii dhabdoota kana gaafa leenjisanii bobbaasan bakka ga’an maratti maqaa ganda keessa darban abbaa maatii irra jiraatu waliin galmeessuun tooftaan  fudhachiisaa jiru. Magaalaa irraa warreen baadiyyaatti hojii hojjetanis qabeenya isaanii kana galmeen hordofuuf akka ta’e barameera.

Exit mobile version