Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaalee hedduu keessatti hanqina sirnichi uumeen weerara dhibee busaa to’achuu dadhabuun uummanni rakkoo fayyaan miidhamaa jiraachuun barame

ONM-ABO Sadaasa 8, 2024 

Murni of tuulummaan guutamee jiru bilxiginnaan, osoo lammiileen impaayerattii rakkoolee addaa addaan wal’aansoo qabaa jiranii of agarsiisaa fi biyya dinagdeen guddatte akka jedhamtutti jechoota  babbareechatanii afaan cululuqfachuun liqa laanne yeroo jedhantu mul’dhata.

Haa ta’u malee yeroo kun ta’utti  lammiileen impaayerattii rakkoolee kanneen akka fayyaa fi dinagdee hamaa keessa yeroo seentee jirtu keessatti mataan nafxanyoota koloneel Abiy Ahimed liqii maallaqaa doolaara 738.2 Sudaan Kibbaaf liqeessine jechuun uummata weerara busaan qabamee daawwaa dhabee rakkachaa jirutti qoosaa jiru.

Bu’uuruma kanaan yeroo ammaa godina Lixa Shaggar aanaalee akka Noonnoo, Ada’aa Bargaa, Midaaqany, Baakkoo fi Ijaajjii keessatti weerarri busaa humnaa ol ta’uun gabaasa  dhihaateen 1-5 sadarkaa kennameen Baakkoon dhibbentaa 70% 1’ffaa, Ada’aa Bargaa 56%n 2’ffaa, Noonnoo 48%, 3’ffaa Midaaqanyii 47.8% 4’ffaa, Ijaajjii 47.2% 5’ffaa ta’uun namoota aanicha irraa yaalamuuf buufatalee fayyaa deeman parsantii dhibba keessaa yeroo sadarkaan baafamu sadarkaa 1-5 baasuun danda’amee jira.

Dhukkubni busaa Oromiyaa guutuu keessati bifa weeraraan erga ka’ee bubbulee jiraatus, murni impaayerattiin bulchaa jira ofiin jedhu Bilxiginnaan, osoo hojjettonni fayyaa gabaasa buufataalee fayyaa fi hospitaalonni dhi’eessanii fi weerarri busaa dabalaa jiraachuu osoo itti himamuu hin jiru jechuun waakkachuutti turan lubbuu uummatichaatti qoosaa jiraachuun beekamaadha.

Keessaayyuu naannoolee Lixa Shaggar keessatti baatii Onkoloolessaa qabuun hanga ji’a Sadaasa amma keessa jirruutti daran hammaachaa jiraachuun namoonni yaala ga’aa dhabuu fi hanqina qorichaan dhumaa jiraachuu ogeessi fayyaa naannichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Exit mobile version