ONM-ABO Sadaasa 8, 2024
Ameerikaan, Raashiyaan haala hariiroo amma jiru haala haqa qabeessa ta’een irra deebitee akka madaaltu yoo affeerte, Raashiyaan fudhachuuf qophii ta’uu Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov Kamisa kaleessaa ibsaniiru.
Walqunnamtii bulchiinsa Ameerikaa dhufu jalatti Waashingitan waliin ta’uu danda’uu kan dubbatan, walgahii pirezidaantii fi ministeera dhimma alaa Kaazaakistaan waliin taasisaniin booda, ibsa gaazexeessitootaaf Astana, Kaazaakistaan keessatti kennaniin, Laavroov, Raashiyaan mariidhaaf banaa ta’uu ishee cimsanii dubbataniiru.
“Akka ilaalcha keenyaatti yeroo hunda mariin waa adda baasuun hunda caalaa waan filatamuuf nama kamiinuu qunnamuu didnee hin beeknu.”
Filannoo pirezidaantii Ameerikaa Sadaasa 5 gaggeeffameen kaadhimamaa paartii Rippabilikaan Doonaald Tiraamp itti aanaa pirezidaantii paartii Dimookiraatotaa Kamalaa Haaris injifachuun sagalee Filannoo 294 argataniiru.
Yaadonni yoo jiraatan, irra deebi’ee kanin himu, kan walitti dhufeenya kute nu miti, kanaaf deebi’anii akka jalqaban yaada dhiyeessuun kan keenya miti, eessa akka jirru fi akkamitti akka fuulduratti tarkaanfannu haasofna, ni dandeenya, fedhiis ni qabaanna” jedhan.
Waa’ee muudama ambaasaaddarootaa gaafatamanii Laavroov bulchiinsi Ameerikaa haaraan Raashiyaatti ambaasaaddara ramaduu akka barbaadu amantaa akka qaban ibsuun, Moskoon adeemsa kana akka hin gufachiifne mirkaneessaniiru.
“Ambaasaaddara haaraa Raashiyaa Ameerikaatti muuduu ilaalchisee, filannoo hojimaata sadarkaa isaa eeggateen tarkaanfachaa jira, hojimaatni yeroo dhiyootti ni xumurama, waa’ee kanaa isin beeksifna” jedhan jechuun Rooyiters gabaaseera.

