ONM-ABO Muddee 19, 2024
Raashiyaan hariiroo waliinii gara “baramaatti” deebisuuf yaada Ameerikaa irraa dhihaate kamiyyuu ilaaluuf qophii ta’uu ishee dhaabbati mootummaa Raashiyaa TASS itti aanaa ministeera haajaa alaa Raashiyaa Sargee Riyabkov wabeeffachuun Roobii kaleessaa ibseera.
Moskoon gaaffii Waashingitan Ameerikaatti ambaasaaddara haaraa Raashiyaa akka raggaasiftu gaafatteef hanga ammaatti deebii hin arganne jedhan Riyabkov itti dabaluudhaan ibsuu isaanii Rooyiters gabaaseera.
US. Ameerikaa fi Raashiyaan erga Guraandhala 2022 weerara guutuu Yukireen irratti geggeessitee hariiroon isaanii gadi bu’uu irr darbee wal himachaa turuun ni yaadatama.

