• Sun. Mar 15th, 2026

Raashiyaan US waliin hariiroo ‘sirrii’ irratti mari’achuuf qophii ta’uu ministeerri dhimma alaa ibse

Dec 20, 2024

ONM-ABO Muddee 19, 2024 

Raashiyaan hariiroo waliinii gara “baramaatti” deebisuuf yaada Ameerikaa irraa dhihaate kamiyyuu ilaaluuf qophii ta’uu ishee dhaabbati mootummaa Raashiyaa TASS itti aanaa ministeera haajaa alaa Raashiyaa Sargee Riyabkov  wabeeffachuun Roobii kaleessaa ibseera.

Moskoon gaaffii Waashingitan Ameerikaatti ambaasaaddara haaraa Raashiyaa akka raggaasiftu gaafatteef hanga ammaatti deebii hin arganne jedhan Riyabkov itti dabaluudhaan ibsuu isaanii Rooyiters gabaaseera.

US. Ameerikaa fi Raashiyaan erga Guraandhala 2022 weerara guutuu Yukireen irratti geggeessitee hariiroon isaanii gadi bu’uu irr darbee wal himachaa turuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading