Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa keessatti loltoota sirnichaan namoonni lama ajjeefamanii lama madaa’uun du’aa fi jireenya gidduu jiraachuun beekame

ONM-ABO Sadaasa 10, 2024 

Impaayera Itiyoophiyaa sirna dimookiraasiin bulla jechuun addunyaa sobdu keessatti murni Bilxiginnaa heeraa ol of taasisuun faallaa diimokiraasii gochoota dabaa yakka waraanaa uwwisa miidiyaa addunyaa fi dhaabbata mirgoota namoomaa jalaa dhoksuun ajjeechaa  lammilee nagaa irratti murtii seeraa malee geggeessu jabeessee itti fufee jira.

Sirni aantummaa sabaa hin qabne akka waan sabaaf dhaabbatu of fakkeessee afaaniin lallabu Oromiyaa bakkeewwan hedduutti lammiilee nagaa loltoota lafoo fi xiyyaara waraanaan geggeessaa jira.

Sadaasa 8, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Biiftuu Saajjii jedhamu keessatti namoota nagaa afur kanneen maqaan isaanii Abdii Abdurqaadir Mahaammad, Tashoomee Kanarraa, Aburaayii Amad Kamisaa fi Aburee Amadoo jedhaman qabanii isin hariiroo WBO qabdu jechuun maqaa sobaa itti maxxansuun, isaan keessaa namoota lama rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan lama ammoo du’aa fi jireenya wallaalchisanii jiraachuun beekamee jira.

Faashistoonni Bilxiginnaa qabsoo uummata Oromoo boodatti deebisuuf karaa hunda ajjeechaatti bobba’uun Abdii Abdurqaadir Mahaammad abbaa ijoollee 4 kan ta’e balleessaa isaa malee maqaa WBO’f nyaata laatta jedhuun harka isaa dudduubatti hidhuun mukatti erga fannisaniin booda barattoota Kutaa 7’ffaa fi 8’ffaa ammoo kutaa barnootaa keessaa yaasuun fuuldura isaaniitti bakka inni fannifamee jirutti rasaasa itti dhukaasanii ajjeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Gocha safuu hawwaasichaa cabse kana ittuma fufuun Tashoomee Kanarraas rasaasaan ajjeesanii gatuun Aburayii Amad Kamisaa fi Aburee Amadoo ammoo reebicha hammaataa irratti raawwataa jiraniin du’aa fi jireenya gidduu jiraachuun ifoomee jira.

Exit mobile version