ONM-ABO Sadaasa 12, 2024
Murni nama nyaataan impaayerattii yeroo adda addaatti gama isaaf mijate hundaan ilmaan Oromoo cufa dararaa kan jiru yoo ta’u, godina Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdoo fi aanaa Qondaalaa keessatti uummanni aanota kanneenii rakkoo ulfataa keessummeessaa jiraachuu ONM’tti himan.
Jiraataa magaalaa Yuubdoo ganda 01 kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Biqilaa Abdataa jedhamu waraanni sirnichaa badii tokko malee galgala sa’a 1:00’tti qabanii reebaa fuudhanii deemuun hanga gabaasni kun qindaa’etti achi buuteen isaa dhabamee jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.
Akka jiraattonni jedhanitti, dargaggoon kun doqdoqqee oofuun kan of jireessuu fi siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu himuun akka aanichaatti dararaan gama loltoota impaayerattiin jiraattota irratti raawwatu cimee itti fufee jiraachuu dubbbatu.
Akkasumas aanaa Qondaalaa ganda Gumaa Gaara-Arbaa jedhamu keessaa Sadaasa 7, 2024 waraanni maafiyaan impaayerattii ogeessa fayyaa maqaan isaa Lataa Kuufataa jedhamu mana qorichaa isaatii qorichaa fi qabeenya isaa tokko osoo hin hambisin jalaa saamuun, badii tokko malee isas qabanii mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

