Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Barsiisaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdoo kan ta’e B/s Bijigaa Immiruu waraana faashistii PP’n ajjeefamuun dhagaa’ame

ONM- ABO Ebla 12, 2024

Gochoonni murna bilxiginnaan Oromiyaa keessatti ta’aa jiran kan baroota dabranii caalaa kan nama yaaddessuu fi abdii nama kutachiisuudha jechuun jiraattonni dubbatu.

Sarbama mirga namoomaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru hawaasni Addunyaa kan quba hin qabne ta’ee mul’achaa jiraachuun namoonni abdii biyyaa fi egeree saba Oromoo ta’anis waraana faashistii PP’n duguugamuun itti fufee jira.

Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdoo mana barumsaa Ciiisaa Boorii kan barsiisu barsiisaa Bijigaa Immiruu waraanni faashistii PP guyyaa dheengaddaa Ebla 10,2024 yakka tokko malee maqaa waraana bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda jedhuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuun beekameera.

Barsiisaa Bijigaan gosa barnoota saayinsii uumamaa Baayoloojii kan bariisu ta’uun kan himame yoo ta’u, nama hubataa, hariiroo hawaasummaa guddaa qabuu fi hirmaataa siyaasa kamii akka hin taanes hiriyyoonni isaa ni dubbatu.

Akka hiriyyoonni isaa ONM’tti himanitti, nama barnoota isaatti qaxalee, ulaagaalee kamiin cimaa fi dhaloota qaruuf boqonnaa malee hojjettu ta’uus dabaluun himaniiru.

Exit mobile version