Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qindeessaan mana barumsaa tokko Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeelitti waraana garboomfataa PP’n ajjeefamee gatame

ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2024 

Barsiisaan dhalootaaf madda beekumsaa, burqaa hayyootaa,  guddistuu aadaa, duudhaa, seenaa fi eenyummaa sabaa ta’uun saba gabrummaa beekumsaa fi eenyummaa isaa mulqameef agarsiistuu kallattii akkasumas ogeessa jireenya hawaasummaa ta’uun sabni akka of baree jiraatuuf shoora olaanaa kan ba’ataniidha.

Haa ta’u malee impaayeera Itiyoophiyaa keessatti lafa malee namni kan hin jaallatamne, bara warraaqsaa adda addaatti barsiisonni Oromoo mooraa yuunvarsiitii, koolleejjii, manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaffaa dabalatee maqaa barattoota nurratti kakaasaa jirtu jedhuun hojii irraa ari’amuu fi lubbuu isaanii qaalii  itti dhabaa turan, har’as gorraa’amanii qalamuun itti fufee jira.

Kanumaan kan walqabatu godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeelitti qindeessaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa ganda Warra-Jirruu kan ta’e barsiisaa Eebbisaa Gammee Darroo jedhamu bakka hojii idilee isaa mana barnootaatii Onkoloolessa 22, 2024 waraanni faashistii PP akka qaban jiraattonni ONM’tti himan.

Barsiisaa Eebbisaan akkuma faashistoota Abiy Ahimediin qabameen dararaa ulfaataan irratti raawwachaa turuun kan himamu yoo ta’u, guyyama qabame kanas ganduma Warra Jirruu iddoo addaa naannoo Laga Hurrii jedhamutti dhoksanii halkan ajjeesanii gatan.

Bakka isaan itti gatan kanaa Onkolooleessa 23, 2024 tiksitoonni loonii sa’a laaqanaa booda reeffa bosona keessaa akka argan ONM odeeffateera.

Exit mobile version