ONM-ABO Guraandhala 28, 2025
Godina Booranaa aanaa Mi’oo ganda Teessoo keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa badii tokko malee maqaa adda addaan yakkuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuu kan baran, torban tokko dura barsiisaa maqaan isaa Guyyoo Diidaa jedhamu badii tokko malee qabanii hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Barsiisaan kun mana barumsaa sadarkaa 2’ffaa Teessoo irraa barnoota Keemistirii kan barsiisuu fi itti aanaa hoogganaa mana barumsichaa kan ta’e yoo ta’u, ijoollee barsiisuun cinatti hooggansaan gargaaree kan hojjetaa jiru ta’uun ibsameera.
Ergamtoonni Bilxiginnaa “mana gandaa ijaari ykn ijaarsisi” ittiin jennaan, “ani barsiisaadha; yeroon mana gandaa ijaaruu fi ijaarsisu hin qabu” jechuun hoggaa inni didu, maqaa” misooma gufachiiste” jedhuun yakkanii hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuun dabalataan himamee jira.
Burqaa beekumsaa fi oomishtoota gita hojii maraa kan ta’an barsiisotaaf qooda waan gaariin godhamuufii qabu, murni Bilxiginnaa waan barbaadeen yakkuun dararaa jira.

