ONM-ABO Ebla 12, 2025
Hidhattoonni murna Bilxiginnaa uummata Oromoo dararuuf Oromiyaa keessatti bobbaafamanii jiran gochoota badii isaanii itti fufuun Lixa Wallaggaa magaalaa Najjoo keessaa barsiisaa Riftii Vaalii magaalaa Najjoo kan ta’e kan maqaan isaa:
- Bijigaa Abarraa jedhamu akkasumas
- Saamsoon Iddoosaa fi
- Dabalii Jiraataa
dabalatee namoota hedduu hidhuun hiraarsaa kan jiranii fi aanaa Jaarsoo keessattis Boonaa Fiqaaduu kan jedhamu dabalatee hawaasni hedduun mana hiraarsaa keessatti rakkachaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.
Mirga uummataa sarbuun dantaa murna isaa qofa kan eegsifatu murni faashistii PP yakkoota mirga namoomaa uummata irratti raawwatu afaan qawwee fayyadamuun hidhaa, saamicha, ajjeechaa fi gubaatii manneen uummataa irratti geggeessuun jireenya ilmaan Oromoo mancaasaa jiraachuun kan beekamu keessattuu tibbana Lixa Wallaggaa aanaalee hedduutti haalaan jabaatee akka jirus ifoomeera.
Hammeenyaa fi gidiraa malee gaarummaa saba irraa dhalataniif kan hin yaadne ergamtoonni sirnichaa garaa isaanii qofaaf dhama’an impaayera bututtuu Itiyoophiyaa suphuuf jecha guyyuu gochoota farra namoomaa adda addaa uummata irratti geggeessaa jiru.

