• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Wallaggaa keessatti hidhaan uummata irratti murni PP’n jabaatee jiraachuun dhaga’ame

Apr 16, 2025

ONM-ABO Ebla 12, 2025 

Hidhattoonni murna Bilxiginnaa uummata Oromoo dararuuf Oromiyaa keessatti bobbaafamanii jiran gochoota badii isaanii itti fufuun Lixa Wallaggaa magaalaa Najjoo keessaa barsiisaa Riftii Vaalii magaalaa Najjoo kan ta’e kan maqaan isaa: 

  1. Bijigaa Abarraa jedhamu akkasumas 
  2. Saamsoon Iddoosaa fi 
  3. Dabalii Jiraataa 

dabalatee namoota hedduu hidhuun hiraarsaa kan jiranii fi aanaa Jaarsoo keessattis Boonaa Fiqaaduu kan jedhamu dabalatee hawaasni hedduun mana hiraarsaa keessatti rakkachaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.

Mirga uummataa sarbuun dantaa murna isaa qofa kan eegsifatu murni faashistii PP yakkoota mirga namoomaa uummata irratti raawwatu  afaan qawwee fayyadamuun hidhaa, saamicha, ajjeechaa fi gubaatii manneen uummataa irratti geggeessuun jireenya ilmaan Oromoo mancaasaa jiraachuun kan beekamu keessattuu tibbana Lixa Wallaggaa aanaalee hedduutti haalaan jabaatee akka jirus ifoomeera.

Hammeenyaa fi gidiraa malee gaarummaa saba irraa dhalataniif kan hin yaadne ergamtoonni sirnichaa garaa isaanii qofaaf dhama’an  impaayera bututtuu Itiyoophiyaa suphuuf jecha guyyuu gochoota farra namoomaa adda addaa uummata irratti geggeessaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading