ONM-ABO Sadaasa 17, 2024
Akkuma beekamu murni aangoo impaayerattii of harka qabu Bilxiginnaan karaalee ittiin uummata Oromoo dararu bocachuun maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertu jedhu of dura qabuun gochoota dabaa fi safuu hawaasaa hin ibsine, gochaa namootaa malee yakkuun hidhaa jumlaa irratti raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan ji’a darbe keessa Onkoloolessa 20, 2024 waraanni sirnichaa aanaa Ada’aa Bargaa gandoota kanneen akka Haroo Leemmanii fi Fittee jedhaman keessaa namoota maqaan isaanii:
- Dajanee Baqqalaa,
- Zinaabuu Mul’ataa,
- Tasfaayee Maashashaa,
- Dabaluu Waaqjiraa,
- Sooree Badhaadhaa,
- Alamaayyoo Fiixaa,
- Gaaddisaa Fiixaa,
- Abdii Alamaayyoo,
- Zannabuu Dassaaleny,
- Waldee Kaasaa,
- Shawuu Naggasaa,
- Mulgeetaa Gonfaa,
- Masfinee Mul’ataa,
- Milkii Margaa,
- Soorii Dirribaa,
- Bokii Geellaa fi
- Zawudee Dhugoo kanneen jedhaman badii tokko malee qabuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti gaaffii seeraa tokko malee hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen jedhanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo ilmaan keessantu bosona jira jechuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu dubbataniiru.

