Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haleellaa xiyyaaraa Israa’el kaabaa fi giddu galeessa Gaazaa irratti raawwateen yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 96 ajjeefaman

ONM-ABO Sadaasa 18, 2024 

Haleellaa qilleensaa Israa’el kaabaa fi giddu galeessa Gaazaa irratti raawwatteen yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 96 yoo du’an 60 ammoo madaa’uu aanga’oonni biyya keessaa himan.

Waajjirri miidiyaa mootummaa Gaazaa akka jedhetti xiyyaaronni waraanaa Israa’el gamoolee mana jireenyaa fi manneen jireenyaa hedduu kaaba magaalaa Beyit Lahiya fi mooraa baqattootaa Nuseyirat fi Bureyij giddugala Gaazaa keessatti argaman irratti xiyyeeffataniiru.

Ibsi waajjirichi baase akka jedhutti haleellaa Beet Lahiya keessatti raawwatameen lubbuun namoota 72 ol kan dhabame yoo ta’u, lammiileen Falasxiin biroo 24 ammoo giddugala Gaazaatti ajjeefamanii 60 ammoo madaa’aniiru.

Maddi yaalaa tokko akka himetti, xiyyaaronni waraanaa Israa’el naannoo Beyit Lahiya jedhamutti gamoo abbaa darbii shanii rukutanii namoota gara 50 ta’an ajjeesuu fi namoonni hedduun caccabaa jalatti qabamaniiru.

Xiyyaaronni waraanaa Israa’el mana jireenyaa biraa Beyit Lahiya keessatti rukutaniin lammiileen Falasxiin lama dabalataan du’uu maddi kun dabalee ibseera.

Falasxiinonni garuu Israa’el naannoo sana dhuunfachuu fi jiraattota ishee humnaan buqqisuu barbaaddi jechuun himatu.

Ergasii as nyaata, qorichaa fi boba’aa dabalatee gargaarsi namoomaa kamiyyuu naannoo sanatti akka hin seenne waan dhorkiteef, ummanni achi jiru harki caalaan beela dhihootti dhufuuf qarqara irra ga’eera.

Exit mobile version