ONM-ABO Sadaasa 19, 2024
Uummanni Oromoo erga gadaan isaa cabuun, impaayera Itiyoophiyaa mootota abbaa irreen ijaaramte jalatti waanjoo gabrummaa baatee buluu erga eegalee asitti guyyaa tokkoofuu imimmaan isaa qooree hin beeku. Sirnoonni impaayerattii wal harkaa fuudhanii bulchaa turanii fi itti jiran guyyuu lubbuu ilmaan Oromoo badii tokko malee obbaasaa, qabeenya isaa saamaa, barbadeessaa fi hidhaan dararaa jiru.
Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gooroo Dhoqonuu keessatti, hidhattoonni PP dargaggoota 2 Sadaasaa 18,2024 badii tokko malee madeessan.
Dargaggootni madaa’an kunneen maqaan isaanii: Baay’ee Tafsuu Guutaa fi Maaziree Katamaa Shifarraa kan jedhaman yoo ta’an, gocha isaanii malee hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun rasaasa itti roobsanii madoo ulfaataa gochuun akka mana yaalaas hin deemne dhorkanii jiraachuun barameera.
Oduu biraatiin ammoo guyyuma kaleessaa ganama Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Fongoo Waabaraa keessatti waraanni Bilxiginnaa kun yakka tokko malee dargaggoota maqaan isaanii:
- Toofiq Amadee,
- Abduu Waaqtolaa fi
- Daawwit Galataa jedhaman rasaasa itti roobsanii ajjeesuun barameera.
Murni impayerattii harkaa qabu, Abiy Ahimed afaaniin diimokiraasii lallabaa gochaan immoo uummata hiraarsuu, ajjeesuu, saamuu fi hidhuu hojii idilee isaa godhachuun, teessoo barcuma siyaasa isaa dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuudhaan eeggachaa jira.
Gama tokkoon balbala marii Waraana Bilisummaa Oromoo balleessaa jirra jechuun cufee gama biraan ammoo daldala siyaasaaf uummatni Oromoo fi lafti Oromoo nagaa barbaada jechuun uummata dirqiin hiriira baasisuun hojii fakkeessii hojjetus, qe’ee Oromoo keessaa afaan qawwee waraana Abiy Ahimediin ilmaan Oromoo du’uu irraa hin dhaabbanne.

