ONM-ABO Sadaasa 20, 2024
Sirni faashistii ilma namaa dararee gidiraa fi rakkoo ilmaan namaatiin badhaadhuuf uummata impaayerattii keessa jiran irratti yakkaa fi daba dorgomaa hin qabne deddeebiin raawwataa jiru maqaa naga’ee sakatta’uu jedhuun saamicha humnaa olii geggeessaa jiraachuun daldaltoonni lagannaa gabaa Telegram’n wal beeksisuun guyyaa dheengaddaa irraa kaasuun geggeessaa jiru.
Baatii darbe Gabaa Guddaa Impaayerattii ‘Markaatoo’ jedhamuun beekamu keessatti manni daldalaa hedduun gubachuu hordofee mootummaa fi kaadirootni mootummaa hanga Kantiibaa Magaalaa Finfinneetti akka waan balaan abiddaa ofiin uumameetti ibsuuf yeroo yaalan argamaa turus, yeroo booda shira sana qindeessuun kan giddu galli gabaa sun akka barbadaa’u taasise qaama mootummaa ta’uun qabatamaatti ifatti ba’ee jira.
Ammas irra deebiin Dilbata Darbe Sadaasa 17, 2024 bakka ”Shaammaa Taraa” bakka Dinnichaa kan jedhamu guutummaan guutuutti barbadaa’uun guyyaa Wiixataa Sadaasa 18, 2024 ammoo dhimmicha keessaa (Gubachuu giddu gala gabaa) kana keessaa akka harka qabu Bilxiginnaan ifatti agarsiise.
Walumaa galatti dhimmi Giddu Gala gabaa impaayerattii kun namoota hojii humnaan jiraatan hedduu balaaf kan saaxiluuf waan ittiin jiraatan kan dhabsiisu ta’uu daldaltootni dubbachaa jiru.
Gubannaan bakka gabaa kanaa irra guddeessaan Bilxiginnaan leeccalloon qabsaa’otaa achii deemaa kan jedhu yoo ta’u, kanas tikoota hedduu siiviiliin bobbaasee to’achuun dadhabe kan jedhu irraa ka’uun tarkaanfii badiisaa akkasii fudhachaa akka jiru barameera.
