Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Bilxigginna Arsii Bahaa Aanaa Martii keessatti dubartoota ganda tokko guutuu mana hidhaatti guure 

ONM-ABO Sadaasa 19, 2024 

Murni faashistii PP Itiyoophiyaa bulchaa jiru afaaniin nagaa labsee hawaasa goyyomsuuf kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti uummata dirqamaan manaa walitti guuruun araara nuuf kadhadhaa WBO fi Bilxiginnaa gidduutti nagaan akka bu’u jechuun jaarsolii, abbootii amantii fi abbootii gadaa isaaniif hojjetan kaadiree isaanii waliin waltajjii irraa lallabsiisanis lafa irratti garuu Waraana Bilisummaa Oromoo qofa irratti osoo hin taane uummata Oromoo irrattis duula banuun ajjeechaa fi hidhaa geggeessuun uummaticha nagaa dhorkaa jiru.

Haaluma kanaan Sadaasa 17, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Wotichaa Dollee iddoo addaa Malkee jedhamu keessatti ergamtootni murni faashistii PP guddise kan maqaaf waraana ofiin jedhan itti bobbaasuun dubartoota, xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne jumlaan mana hidhaatti guuranii jiraachuu jiraattoonni naannichaa dubbatanii jiru.

Isaan keessaa kan maqaan nu ga’e:

  1. Surrituu Abdiyyaa,
  2. Shukkaare Gaabbii,
  3. Shaallee Qomichaa,
  4. Nuuriyee Roobaa,
  5. Jawwaaree Gandaa,
  6. Ruziyaa Amaan,
  7. Rahmaa Nuuraa fi
  8. Landii Jeelaanii kan jedhamaniidha. 

Dubbattoota kana keessaa irra baayeen haadha daa’immanii fi manguddoota yoo ta’an,  qaamni Bilxiginnaa kun ilaalcha tokko malee akkuma namoota kaaniitti reebaa fi daddarbaa badii isaanii osoo itti hin himin  mana hidhaatti dararaa jiru.

Exit mobile version