Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellam Wallaggaa Aanaa Anfilloo keessatti hidhattoonni PP uummata irratti dhukaasa banuun nama tokko yoo ajjeesan namoota lama immoo madeessan

ONM-ABO Sadaasa 20, 2024 

Waraanni sirna nama nyaataan Abiy Ahimed  bakka hundatti gocha shororkeessummaa uummata irratti jabeessuun miidhaa lubbuu fi qabeenyaa jabeessee itti fufee jira.

Godina Qellem Wallaggaa ona Anfilloo ganda Yeettii Yaadannoo bakka addaa Goongoo jedhamutti Sadaasa 19, 2024 waraanni faashistii PP  namoota oobdii bunaa Obbo Faxxanee Bushuraa keessaa buna funaanaa turan nama tokko yoo ajjeesan, Obbo Faxxanee dabalatee nama tokko ammoo rasaasaan madeessanii jiru.

Sirni ganamaa galgala ilmaan Oromoo lafa irraa daguugaa jiraatu kun Oromiyaa bakka hundatti ilmaan Oromootti qiyyaafatee erga ajjeesuu eegalee har’a waggoottan 5’n darbanii jiru.

Murni abbaa irree impaayerattii yeroo ammaa sadarkaa qotee bulaan lafa ooyiruu isaa deemee nagaan galuu dhabuurra gahuun, namootni yeroo buna walitti qabachuu isaanii kanatti oomisha isaanii roobaa fi hattuuf gadi dhiisanii deemaa akka jiran taatee kana booda aanaa Anfilloo irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version