Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni waraana Bilxiginnaa 5 qawwee AKM 4 fi Sniper 1 fudhachuun WBO Zoonii Giddu Galeessaatti harka kennatan 

ONM-ABO Sadaasa 21, 2024 

Murni maafiyaan PP gadaa aangoo isaa dheereffachuuf ilmaan haadha hiyyeessaa humnaa fi goyyomsaan qabee mooraa leenjiitti erguun leenjii kenneefii ergama dabaa ajjeechaa, saamichaa fi yakkoota adda addaaf bobbaasus, ilmaan Oromoo miidhaa saba isaanii irra ga’aa jiru quuqaman mooraa Bilxiginnaa gananii WBO’tti harka kennachaa jiru.

Sadaasa 20, 2024 loltootni Abiy Ahimediin tajaajilaa turan 5 godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessaa qawwee AKM 4 fi isnaayippera 1 qabachuun mooraa waraana Bilxiginnaa gananii WBO bira ga’anii jiru.

Waraanni mooraa Bilxiginnaa gananii ba’an kun humnaan qabamanii leenjii fudhachuun bobbaafamuu ibsuun, gocha loltootni Abiy Ahimed raawwachaa jiru jibbuun keessaa ba’uu ibsan.

WBO bira erga ga’aniis simannaa isaaniif taasifametti gammaduun, ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessatti hafan yeroon keessaa ba’anii akka gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makaman dhaamsa dabarsaniiru.

Exit mobile version