ONM-ABO Sadaasa 20, 2024
Walgahiin lammaffaan koree waloo sadan Sawud,Chaayinaa fi Iraan waliigaltee Beejiing hordofuuf Kibxata kaleessaa Riyaad keessatti gaggeeffamuu Dhaabbanni Pireesii Sa’uudii gabaaseera.
Itti aanaan ministeera haajaa alaa Sa’uudii Waleed bin Abdulkarim walgahii kana kan dursan yoo ta’u, itti aanaan ministeera haajaa alaa Chaayinaa Deng Lii fi itti aanaan ministeera dhimma siyaasaa Iraan Majid Takit argamaniiru.
Bakka bu’oonni Sa’uudii fi Iraan waliigaltee Beejiing guutummaatti hojiirra oolchuu fi hariiroo ollaa cimsuuf Chaartara UN, Chaartara Dhaabbata Tumsa Islaamaa, fi seera addunyaa kabajuun, kabaja abbaa biyyummaa, walabummaa, fi nageenyaa cimsuuf kutannoo qaban irra deebi’anii mirkaneessaniiru.
Sa’uudii Arabiyaa fi Iraanis gahee gaarii Chaayinaan itti fuftee jirtu kan simatan yoo ta’u, hojiirra oolmaa Waliigaltee Beejiing hordofuu keessatti deeggarsa isheen gootu barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Chaayinaan saboonni lamaan hariiroo isaanii damee adda addaatiin gabbisuuf tarkaanfii dabalataa akka fudhatan jajjabeessuuf qophii ta’uu ishee irra deebitee ibsiteetti.
Biyyoonni sadeen hariiroo Sa’uudii fi Iraan keessatti adeemsa jiru kan jajatan yoo ta’u, waldhabdee naannoo nageenya addunyaa fi naannoo balaadhaaf saaxilu gidduutti sadarkaa hundatti qunnamtiin kallattiin taasifamuu fi carraawwan tumsa waliinii mul’atan ibsaniiru.
Sa’uudii Arabiyaa fi Iraan waliigaltee gibira dachaa irraa fagaachuu mallatteessuuf qophii ta’uu isaanii ibsuun, Chaayinaa waliin tumsa dinagdee fi siyaasaa babal’isuuf hawwii guddaan eeggachaa jiru.
Biyyoonni sadan weerarri Israa’el Falasxiin fi Libaanos irratti raawwatu hatattamaan akka dhaabbatu kan gaafatan yoo ta’u, sarbama abbaa biyyummaa fi qulqullina naannoo Iraan balaaleffataniiru.
Falasxiin fi Libaanosif gargaarsi namoomaa addaan hin cinne akka barbaachisu cimsanii kan ibsan yoo ta’u, jeequmsi itti fufee jiru nageenya galaanaa dabalatee nageenya naannoo fi addunyaa irratti balaa guddaa akka fidu akeekkachiisaniiru.
Akkasumas, Yaman keessatti furmaata siyaasaa bal’aa, qajeeltoowwan sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qaban kan UN jalatti argaman waliin walsimuuf deeggarsa qaban irra deebi’anii mirkaneessaniiru jechuun Arabs news gabaaseera

