Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana-Sibuu keessatti hidhattoonni PP shamarran tokko rasaasaan rukutanii madeessuun dhagaa’ame

ONM-ABO Sadaasa 22, 2024 

Murni nama nyaataan maqaa Oromootiin aangoo impaayerattii dhuunfatee Oromoo lafa irraa duguuguuf murteeffatee waggaa 6 oliif itti jiru, badii tokko malee uummata qe’ee isaa irratti qaama hir’isuu qabee hanga ajjeesuutti jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa Ona Mana-Sibuu ganda Waamaa Toobbaraatti Sadaasa 20, 2024 shamarree Dingatee Nagarii  jedhamtu mana namaa kireeffattee bunaa fi shaayee daldaluun kan jiraattu  rasaasa itti dhukaasuudhaan madoo  cimaa irraan ga’anii jiraachuun beekamee jira.

Shamarreen kunis  dhalattuu ona Mana Sibuu ganda Alaalaa Fardaa yoo taatu balleessaa tokkollee kan hin qabnee fi madoon isheellee cimaa ta’uu fi ammaaf yaalaaf hospitaala magaalaa Mandiitti yaalamaa akka jirtu ibsaniiru. 

Sirni Oromummaa qofaan ilma namaatti xiyyeeffatee ajjeesu kun maqaa Oromoo himataa erga Oromoo ajjeesuu eegalee waggaan 6 darbus dhumaatiin hawaasa nagaa kanaa hanga ammaatti furmaata dhabuun gareen akka feeteen naamusa waraanummaa hin qabne kun gocha badii isaanii jabeessanii itti fufanii jiru.

Exit mobile version