ONM-ABO Sadaasa 28, 2024
Akkuma Haayile Sillaaseen “Oromoo waggaa dhibba duubatti hambifnee bituu qabna” jedhe Koloneel Abiy Ahimedis akkuma abboota isaa “yoo Oromoon na jalatti buluu dide waggaa dhibba tokkoo oliif akka hin kaanetti isinan cabsa” jedhee akkuma dhaadataa ture, abjuu isaa milkeessuuf uummata Oromoo gaaga’ama dinagdee fi duguuggaa sanyii irratti raawwachaa jira.
Haaluma kanaan Bilxiginnaan gocha diinummaa hamaa uummata Oromoo godina Baha Harargee aanaa Gooroo Guutuu magaaalaa Qobboo ganda Baadiyyaa Gurjoo keessatti maqaa garaa garaa kanneen akka Buusaa Gonofaa, Nyaata Barattootaa, Gibiraa fi uffata milishaa jedhuun uummata homaa hin qabne nyaatee buluu illee hin dandeenye dirqiin gidirsuun maallaqa baasaa jechaanii jiraachuun dhagaa’ame.
Namoota qaama hir’uu ta’anii fi abbaan manaa irraa du’ee kophaa ijoollee guddisan haadha hiyyeessaa dalagachuu hin dandeenyee fi homaa tokkollee hin qabne osoo hin hambisin dirqisiisuun fidaa! yoo dhabdanis fira irraa barbaadaa fidaa! diddan ni hidhamtu, ni reebamtu jechuun doorsisaa turuun beekameera.
Kana malees erga abbaan lafa tokkotti gibira baasee booda ilmaanis lafuma kanatti atis gibira baasi namni walga’ii hin deemnee fi balbala qabu dirqama gibira baasuu qaba ittiin jechaa kan jiran yoo ta’u, nama dides mana hidhaa work shop keessatti hidhuun hiraarsuun booda maallaqa kaffalchiisanii baasaa akka jiran himu.
Namoonni uummata walga’ii waamuun dararaa jiran kunneen bulchaa gandaa kan maqaan isaa Shanuu jedhamu fi Abbaa Afooshaa nama maqaan isaa Ibsaa Maammadee Xahaa jedhamu akka caasaa isaaniif ta’utti filachuun ittiin uummata dararaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

