Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Kombolchaa fi Horroo Bulluqitti waraanni PP dararaa uummata irraan ga’u hammeessuun loon uummataa hidhan

ONM-ABO Sadaasa 28, 2024 

Gara jabeeyyiin akka bineensaa ilmaan Oromoo sobaan yakkanii hidhaatti guuraa kan oolan itti xiqqaannaan yeroo ammaa ammoo waanuma takkaa ta’ee hin beekne kalaquun “horii isaanii qabnaan ni dhufu” yaada jedhuun horii hawaasaa qabanii mana hidhaatti naqanii jiru.

Aanaa Horroo Bulluq ganda Dachaa Caabir jedhamu irraa Sadaasa 20, 2024 akkasumas ganda Abbillee Igguu irraa ammoo sadaasa 21, 2024 horii 70-80 kan ta’u oofuun Waajjira Poolisii bulchiinsa magaalaa Saqalaatti mana onaa keessatti itti cufanii achitti bishaanii fi marga dhabuun mar’achaa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni himanitti, magaalaa Saqalaa keessatti hanga gabaasni kun qindaa’etti horiin 70-80 ta’an bishaanii fi marga malee akka jiran dubbatu.

Godinichuma aanaa Kombolchaa ganda Illaammuu Xaraqoo keessaa nama maqaan isaa Naggasaa Waaqtolee jedhamu ergamtoonni sirnichaa Sadaasa 24, 2024 badii tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii aanichatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, Naggasaan nama nagaa hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi hawaasa waliin jiraatu faana illee kabajaa fi jaalalaan kan jiraatu ta’uu himuun, loltoonni sirnichaa ammoo sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun bakka ooyiruu isaa irraa oomisha walitti qabachaa osoo jiruu ukkaamsuun hidhuu dubbatu.

Exit mobile version