Waggaa jaha dura warraaqsa keenya butatanii, bilisummaan qabsoo cimaa fi wareegama itti baasan galma ga’eera jedhanii ummata gowwoomsuuf yaalan. Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n jaarmiyaalee jalqabaa-tarii tokkicha- haguuggii Abiy Ahmed keessaa dabarsee hubate dha. Hanga bu’aan dhugaa fi qabatamaan ummata keenyaaf mirkanaa’utti WBOn daandii irraa maquu dide. Waadaan hin raafamne kun jalqabarraa kaasee WBOn diina sirnichaa isa jalqabaa ta’ee akka xiyyeeffatamu taasiseera.
Bara 2019 sirnichi haleellaa isaa hammeessee, torban muraasa keessatti injifannoo arganna jedhee of-tuulummaadhaan WBO irratti waraana labse. Abjuun sun dafee harkaa wal-dhahee kufaatii
ajaa’ibaa ta’e. Waggoota darban keessa sirnichi irra deddeebi’ee yeroo murtaa’e (deadline) haaraa kaa’ee, ummata Oromoo jilbeenfachiisuuf dhaadachaa ture. Ta’us, yeroo yeroon, abidda diddaa dhaamsuu ykn hamilee ummata kutataa cabsuu dadhabuun, sirnichi kufaatii garmalee keessatti argama.
Bara 2023tti, duula waraanaa gara jabeessa fi wal-irraa hin citneen dadhabanii,ukkaamsaan
waraanaa isaanii erga booda bu’aa qabatamaa tokko illee fiduu didee booda, sirnichi fedhii malee, taajjabdoonni Ameerikaa fi Noorweey bakka jiranitti barcuma mariitti dhihaachuuf dirqamee. Haa taʼu malee, amala isaa gadhiisuu dide. Tattaaffiin nagaa jedhame kun haasaa cululuqaa summiin guute malee homaa hin turre. Gaaffii seera-qabeessa ummata keenyaa xiqqeessuu itti fufuun
hoggansa WBOf waadaa aangoo keessi-duwwaa tahee fi shiraan guutame dhiheessuu yaale. WBOn, shira kana dafee arguun, kaayyoo isaa irraa mixiquu diduun keennaa aangoo shiraa abadachiifame harkatti dide. Yaaliin sirnichi qabsoo diiguuf godhe ammas fashalaa’uun isaa nama hin ajaa’ibu.
Yeroo shirri marii-nagaa dahoo godhachuun yaalan harkatti kufu, sirnichi tooftaa haaraa, hamaa ta’etti gargaarame: qabsoo abbootii aangoo 4-Kilo irratti godhamu kan dhaabbataa tahee fi guddachaa dhufe irraa xiyyeeffannoo garagalchuuf sabaa fi sablammoota gidduutti dhiiga wal dhangalasiisuun lolli dalgatti akka deebi’u yaalii taasisan. Yakki hammeenyaa aanaa Dharraa, Kaaba Shawwaatti- kan ilmaan Oromoo itti qalaman, yakka suukanneessaa saboota gurguddoo lamaan gidduutti waldhabdee walirraa hin citne uumuuf sirnichaan itti yaadamee qindeeffamee dha. Waldhabdee saboota giddutti jijjiruun, kufaatii sirnichaa irraa maqsuuf yaaliin hammeenyaa taasifamu ifaa dha balaaleffatamuus qaba. Ta’us ammas hundi keenya tooftaa qoqqoodinsa isaanii arginee, karoora sirnichaas fashalsine. Waraanni Bilisummaa Oromoo, hafuura uummata dandamataa tahe cinatti, tattaaffii shiraa fi qoqqoodinsa sirnichi facaasu diiguu itti fufee jira.
Yeroo ammaa kana xiyyeeffannaan sirnichi Oromiyaa keessatti qabu tooftaalee balaa sadiitti fayyadama:
1. Kaardii Amantii Taphachuu
Tarsiimoon hamaan Dharraa jalqaban erga fashalaa’ee booda sirnichi garaa garummaa amantaa fayyadamee dhiiga wal-dhangalaasisuu fi tokkummaa namoota bulchiinsa isaa faallaa dhaabbatan cabsuuf yaaliin gara fuulduraatti dhiibamaa jira. Fakkeenyi guddaan guyyoota muraasa dura hojjettoota “Shene” Shimelisiin durfamaniin Kiristaanota Ortodoksii Arsii keessatti ajjeefamuu isaaniiti-gocha gara jabummaa shallagamee kan waldhabdee facaasuuf kaayyeffate dha. Tooftaan qoqqoodinsa akkasii kun kufaatii naamusaa fi siyaasaa sirnichaa mul’isa.
Sirnichi hundee rakkoo biyyattii-bulchiinsa dinagdee badaa, imaammata cunqursaa, bulchiinsa abbaa irree, fi moggeessaa siyaasaa- furuu mannaa, aangootti irratti hafuuf abidda wal dhabdee hunda facaasa. Uummatni waliin dhahaa kana ifaa ifatti fudhatama dhabsiisuu qaba; hawaasni addunyaas kufaatii siyaasaa irraa of hambisuuf jecha sirnichi of eeggannoo malee amantii akka meeshaa waraanaaitti fayyadamuu balaaleffachuu qaba.
2. Mootummaa Oromoo Ta’uu Isaa Ifatti Labsuu Sirnichi himannaa dharaa kana dachaa lama gadi buusa jira. Bakka kamittuu hawwaasa isa filatu dhabee, sirnichi duula duguuggaa sanyii isaaf loojistikii waraanaa fi kaadhimamaa bobbaasuuf deeggarsa isaanii mirkaneessuuf ifatti mootummaa-Oromoo ta’uu isaa hima. Wareen sirnichaan bakkabu’oota Oromooti jedhamanii dhiheeffamanis kan yeroo tokko sirnoota Itiyoophiyaa darban keessatti gahee wal fakkaatuun bitamuutiin tajaajilaa turanii dha.
Tooftaan abdii kutannaa kun, Oromoo biratti seera qabeessummaa mirkaneessuuf godhamu kun ni fashalaa’a; ummanni maalummaa sirnichaa isa dhugaa: cunqursaa iftoomina fi itti gaafatamummaa hin qabne tahuu isaa waan hubatuuf. Golgaan amanamummaa sabaa kamiyyuu gocha hammeenyaa ummata bakkan si bu’a jedhu irratti raawwatu dhoksuu hin danda’u.
3. Namoota Siyaasaan Salphatan Akka Gantoota Haaraatti Irra Deebi’anii Kuusuu Sirnichi namoota dhuunfaa gatii hin qabne kanneen ji’oota dura sababa jeequmsaan WBO keessaa ari’aman lubbuu itti-horuun akka haaraatti harka kennattoota jedhee dhiheessee jira. Sochiin kun haaraas miti; jarris miseensota WBO harka kennatan miti. Namoonni dhuunfaa kunniin dhaabbaticha dammaqinaan salphisuu irratti waan bobbaniif ji’ooota dura waan ariyamaniif harka kennachuun jedhame WBO irratti dhiibbaa hin qabaatu.
Ji’oota dura yeroo hojii irraa ari’aman sirnichi namoota dhuunfaa kana waliin gaaffii fi deebii karaa miidiyaalee akka VOA fi BBC qindeessee kan ture yoo ta’u, himannaan isaanii garuu dhugaa kan hin taanee fi eessayyuu gahuu hin dandeenye ture. Humna waraanaa fayyadamuun qabsaa’ota sadarkaalee garagaraa irra jiran akkasumas namoota biroo hoggansa WBO keessaa sossobuuf tattaaffiin sirnichaan godhames fashalaa’eera.
Invastimantii bu’aa hin qabne ji’ootaaf erga hojjetee booda sirnichi amma namoota dhuunfaa kana ”waliigaltee nagaa” mallatteessan jechuun labseera. Akka isaan yaadan utuu hin taane, beeksisni
kun warra gad fageenya, naamusaa, fi of-kennuu qabsoof barbaachisu warra hin qabne waan qulqulleessuuf, qabsaa’ota fi deeggartoota WBOf boqonnaa argamsiiseera. Harka kennachuun isaanii gufuu yeroo dheeraadhaaf tures jechuunis fakkeessitoota sobaa kanneen kaayyoo kanaaf of-kennuun isaanii yeroo hunda gaaffii keessa ture ni dhabamsiisa jechuu dha. Namoota siyaasaa bu’aa hin qabne deebisee fayyadamuun fi “waliigaltee nagaa” sobaa labsuun, Abiy ilaalcha ummataa too’achuun, kufaatii isaa dabalaa dhufe irraa qalbii uummataa buqqisuuf abdata. Naannicha keessatti fooyya’iinsaa fakkeessaa uumuuf yaaliin abdii kutannaa godhamaa jiru kun sammuu ummata Oromoo arrabsuu qofa osoo hin taane sirnichi dhugaa lafarra jiru waliin wal dura dhaabbachuu dadhabuu isaa kan mul’isudha.
Carraa kanatti fayyadamee ABO-WBOn obboleeyyan keenya biyya keessaa fi diyaaspooraa keessa jirtan kanneen namoota dhuunfaa kanaan dogoggorfamtanii ta’aa turtan qabsoo haqaa fi bilisummaatti deebi’anii akka makamtan waamicha godha. Tokkummaa mul’ata waloo egeree bilisummaa fi haqa qabeessatiin, harka ballifnee isin simanna. Keesumaa dhaloonni diyaaspooraa
haaraan kun, ummata keenyaa bakka bu’uun dippilomaasii ummataa sadarkaa kanaan dura hin geenyetti ol guddisuuf carraa addaa qaba.
Tooftaan qaawwaa fi abdii kutannaa sirnicha kun kutannoo warra kaayyoo kanaaf of kennanii cimsa. Bilisummaan dhugaa butamuu, dirqisiifamuu ykn qisaasamuu hin danda’u. Qabsoon itti fufee jira, kan hin raafamnee fi kan booda hin deebine.
Ajajaa Olaanaa ABO-WBO
mudde 01, 2024

