ONM-ABO Muddee 11, 2024
Faransaay xiyyaarota waraanaa ishee Kibxata kaleessaa Chaad keessaa kan baafte erga aangawoota Chaad waliin waliigaltee dhabuun ishee ibsi Ministeera Ittisaa Faransaay irraa argame ta’uu ni mul’isa.
Akkaataan dandeettii waraanaa Faransaay kanneen biroo Chaad keessatti argaman ofirraa baasuu “aangawoota Chaad waliin qindoomina kan qabu ta’uu” ibseera.
Ministeerri Dhimma Alaa Chaad Sadaasa 28 tumsi waraanaa Faransaay waliin taasisaa ture akka xumuramu beeksisuu Ministeerri Ittisaa Faransaay ibsa kenneen beeksiseera.
Waliigaltee nageenyaa fi dippilomaasiitiin walqabatee waldhabdeen biyyoota lamaan gidduutti uumamuu miidiyaaleen Faransaay gabaasanii turan.
Maddeen Chaad irraa argaman akka jedhanitti, waraanni Faransaay Onkoloolessa keessa, yeroo haleellaan shororkeessitoota Boko Haram isaan mudate, aangawoota Chaadiif deggarsa qilleensaa fi odeeffannoo kennuu dide jedhu miidiyaaleen Faransaay.
Baarot Chaad filannoo Muddee gaggeeffamuuf beellamame akka yeroo biraatti dabarsu yaada dhiyeesse jedhameera.
Chaad erga Paaris kutaalee waraanaa ishee Maalii, Burkinaa Faasoo fi Niijer keessaa baaftee booda naannoo Afrikaa Saahel keessatti kutaalee waraana Faransaay keessummeessite keessaa ishee dhumaa ta’uun ibsameera.
Hariiroon Faransaay Maalii fi Burkinaa Faasoo waliin qabdu erga bulchiinsi waraanaa biyyoota sana keessatti bara 2020 fi 2022 aangoo qabatee booda hammaate jechuun Doochii Waleen gabaaseera.

