Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee Lixaa fi Baalee Bahaatti qonnaan bultoonni dirqiin leenjii milishummaaf guuramuun jabaate

ONM-ABO Muddee 11, 2024 

Akka godinaalee Baalee lamaaniitti abbootiin warraa dirqiin leenjii milishummaa akka fudhataniif maatii irraa  ukkaamfamuu fi dargaggoonni ammoo gara adda waraanaatti guyya guyyaan guuramuun cimee itti fufuu maddeen keenya ONM’tti himan. 

Aanolee kanneen akka Sinaanaa, Gobbaa, Gaasaraa, Jaarraa, Daawwee Sarar, Daawwee Kaachan, Raayitoo Qalbii, Gooroo fi bulchiinsota magaalotaa irraa jumlaan kanneen ukkaafaman hedduu akka ta’anis dubbatu. 

Namoonni miseensota raayyaa ittisa impaayerattiitti, milishaa, farra riphee lolaa fi humnoota poolisiitti guuramaa jiran kunneen kanneen fayyaa guutuu hin qabne dabalatee, daa’imman umriin isaanii hojii loltummaaf hin geenyes akka keessatti argaman dubbatu. 

Kana malees jiraattonni godinaalee kanneenii ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun guuramanii hidhamuu, maqaa kaffaltii adda addaan saamamuu fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa irratti jabaachuus dabaluun ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version