ONM-ABO Caamsaa 14, 2024
Ajjeechaa, hidhaa, saamicha, uummanni dirqamaan leenjii waraanaatti guuramaa fi balaa hongeen rakkoo ulfaataa keessatti kufanii kan jiran uummanni godina Harargee lameenii yeroo ammaas haalli isaan keessatti argamanii jiran hedduu yaaddeessuu dubbatu.
Rakkoon murna bilxiginnaa jalatti uummanni Oromoo argaa jiru guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa akkuma deemuun uummatichaas gaaga’amaa hamaaf saaxilaa jira.
Torbanoota darban irraa eegaluun duulli namoota leenjii waraanaatti guuruu jabaatee kan jiru yoo ta’u, aanaalee Lixa Harargee kanneen akka Ciroo, Xuulloo Gubbaa Qorichaa, Gammachiisii fi kanneen biroo keessatti uummanni manneen isaanii gad dhiisuun godaanaa akka jirantu dubbatamaa jira.
Baha Harargee keessaa aanaalee akka Baddannoo, Qarsaa, Haramaayaa, Kombolcha, Burqaa Tirtiraa, Baabbilee fi Dadar dabalatee dargaggoonni dirqiin funaanamaa akka jiran ifoomeera.
Caamsaa 11, 2024 Harargee magaalaa Burqaa keessatti abbaan araddaa kan maqaan isaa Muhammad Ahimed jedhamu maanguddoo maqaa isaan isaa Muhammad Aliyyii jedhamutti milishoota isaa itti erguun dhaqaa ajjeesaa inni deggaraa WBOti jechuun, milishoonnis itti dhukaasuun harka isaa irra rukutanis manguddoon kunis akka lubbuun hafe jiru ibsaniiru.
Baha Harargee aanaa Baddannoo keessatti maatii keenya gara leenjii waraanaatti hin oofinaa nama nu gargaaran hin qabnuu jedhanii itti dubbannaan namoota maqaan isaanii Jamaal Usmaa’il, Umar Yusuuf, Kadir Jamaal, Iftuu Toofiq fi Masiraa Abdoo kanneen jedhaman reebicha hamaa irratti raawwatameen yeroo ammaa haala yaadessaa keessa Akka jiranis ibsaniiru.
Oduu biraatiin ammoo Baalee Lixaa aanaa Harannaa Bulluq keessatti dhukkubsattoonni 48 daa’imman 17 keessatti kan argaman yaala dhabuun hedduu rakkachuu isaanii ONMtti himan.
Namni maal taatan jedhee nu gaafatu tokkollee hin jiru, uummanni halkanii fi guyyaa beelaa fi dhukkubni itti wal jijjiiruun hedduu rakkoo ulfaataa keessatti kufanii jiru jechuun yaada isaanii nuuf qoodaniiru.

