ONM-ABO Muddee 10, 2024
Akkuma guutuu onoota Baalee Lixaa fi Bahaatti loltoonni murna faashistii PP murna Bilxiginnaan ijaaramuun meeshaalee waraanaa hidhatanii maqaa jaarmiyaa ABO-WBO balleessuuf rifeensa namtolcheen faayamuun namoota ajjeesuu fi saamuu cimsanii itti fufaniiru.
Waraanni garboomfataan PP kaadiroota PP’n bobbaafamuun WBO maqaa balleessuuf saamichaa fi dararaa taasisuun miidhaa erga qaqqabsiisanii, boodarra waraanni biroon kan ajajni waajjira paartii murna Bilxiginnaa irraa isaaniif kenname ammoo bakka sana deemuun hawaasa jalqaba saamame isintu Waraana Bilisummaa Oromoo seensisaa jira jechuunis saamichaa fi hidhaa irratti geggeessaa jiraachuu jiraattotni himan.
Taateen Jaarmiyaa ABO-WBO maqaa balleessuuf raawwachaa jiru: horii hawaasaa qaluu, jiraattota saamuu fi ajjeesuu akka ta’e kan himamu yoo ta’u, irra jireessaan halkan sochiin saamichaa bulchiinsa magaalaa Roobeetti jabaachuun halkan namnuu osoo hin ajjeefamin bulaa akka hin jirres ibsameera.
Magaalaa Roobee, aanaa Sinaanaa, Goobbaa, Haroo Duumaal (aanaa Barbaree) fi kanneen birootti jabaatee jiraachuun kan ibsamu torban darbes hoteela bulchiinsa magaalaa Roobee kan ganda Caffee Doonsaa keessatti argamu maqaan hoteelichaa ” Saambee” jedhamutti qarshii qabaan hoteelichaas shiftoota kanneeniin saanjaaan waraanamee ajjeefamuun ibsameera.

