Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa keessaa waraanni faashistii PP jiraattota hidhuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 11, 2024 

Ergamtoonni Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufa keessaa sabboontota ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun sobaan yakkuun adamsanii hidhaatti guuruun, yoo feedhan maallaqa guddaa irraa saamuun miidhaa hangana hin jedhamne dinagdee isaanii irratti geessisaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Aanaa Qondaalaa ganda Kollii Carphaa jedhamu keessaa Mudde 6, 2024 loltoonni sirnichaa jiratootta maqaan isaanii:

  1. Ruuqiyaa Margaa,
  2. Zamzamuu Naggaa,
  3. Roomee Hasan jedhamanii fi kanneen saalaan dhiira ta’an maqaan isaanii adda hin baane hedduu reebicha ulfaataa irraan gahuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa bilisa ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata WBO qabdu” jedhuun hidhanii jiraachuu fi akkuma aanichaatti gochoonni farra namoomaa hawaasa nagaa irratti raawwatu daran jabaatee itti fufee jiraachuunis ibsameera.

Exit mobile version