Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaatti waraanni impaayerattii shamarree tokko ajjeesanii reeffa ishee maatii dhorkachuun, namoota nagaa hedduus hidhaatti guuruun dhaga’ame

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Qollii Carphaa bakka addaa Shiggii jedhamu keessatti waraanni koloneel Abiy Ahimediin mirga ajjeesuu fi dararuu gonfachuun qe’ee hawaasa Oromootti bobbaafaman Caamsaa 3, 2025 shamarree Oromoo maqaan ishee Mubiinaa Imaanaa Tolaa jedhamtu badii tokko malee mana maatii isheetii ukkaamsuun reebichaa fi dararaa ulfaataa erga irratti raawwataniin booda ganama toora sa’a 5:00’tti rasaasa itti roobsanii ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Akka maddeen naannichaa ONM’f eeranitti gara jabeeyyiin ergamtoota sirnichaa kunneen hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdaa fi odeessa keenya kennitaaf maqaa jedhu itti maxxansuun sobaan yakkanii siyaasa isheen keessaa qooda hin qabnetti harkisuun kan galaafatan yoo ta’u, shamarreen kun garuu qaama siyaasaa kamiyyuu waliin hariiroo kan hin qabne ta’uun dabalataan addeeffameera.

Kana malees aanichuma magaalaa Qondaalaa keessatti namoota nagaa hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’anii argaman hedduu maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuun dararaa fi reebicha irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni itti dabaluun ONM’f ifoomsanii jiru.

Namoota waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii jiran keessaa kanneen maqaan nu ga’e:

  1. Biqilaa Biraanuu Waloo qonnaan bulaa,
  2. Miliyoon Biraanuu Waloo konkolaachisaa baajaajii,
  3. Addaamuu Biraanuu Waloo-daldalaa,
  4. Haajii Musxafaa Qajeelaa,
  5. lMusxafaa Hasan Bookaa fi
  6. Qananiisaa Addisuu Kibabuu 

kanneen jedhaman jiraattota ganda 01 yommuu ta’an balleessaa raawwatan osoo hin qabaatin sababa hojii isaanii hin ibsineen yakkamanii mana hidhaatti hiraarfamaa jiraachuun beekameera.

Exit mobile version