ONM-ABO Gurraandhala 17, 2025
Aadaa fi duudhaa uummataa balleessuu malee kabajanii kabachiisuu kan hin beekne waraanni sirna dhableeyyiin murna Bilxiginnaa gochoota gara jabinaa garaa garaa uummata Oromoo irratti hammeessuun guyyuu dhiiga dhangalaasuu, hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi gudeeddii haawwanii fi shamarran Oromoo irratti jabeessuun dararaa hamtuu agarsiisaa jiru
Lixa Harargee aanaa Ciroo araddaa Sheek Adam ganda Usumaan bakka jedhamutti ergamtoonni sirnichaa Guraandhala 15, 2025 Shamarree umurii 17 kan maqaan ishee Caalee Yuusuufee Abiraam jedhamtu ukkaamsuun bakka namni hin agarretti geessuun itti wal jijjiiruun gudeeddii erga irratti raawwataniin booda rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuu maddeen miira gaddaan ONM’f eeranii jiru.
Loltootni Bilxiginnaa yeroo darbes Lixa Shaggar aanaa Meexxaa Walqixxee akkasumas Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti daa’imman gudeeduun ni yaadatama.
Murni Bilxiginnaa mirga lubbuun jiraachuu uummataa mulquun sirna isaanii hammeenyaan guutame lafa qabsiisanii aadaa fi afaan Oromoo cabsanii ilmaan ishees dararaa agarsiisaa jiraachuun ni beekama.
