Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee aanota gara garaa keessatti kaadiroonnii fi waraanni murna PP gudeeddii, saamichaafi dararrii hammeessan

ONM-ABO Adoolessa 11, 2023

Waraanni maafi’aa PP safuu uummataa fi sansaakkaa waraanaa hin qabne, godina Lixa Harargee  aanota garaagaraa keessatti gochaalee suukkaneessoo raawwataa jiru.

Adoolessa 7, 2023 godina Lixa  Harargee aanaa Odaa Bultum araddaa Dullachaa Gaara Qeerransichaa bakka jadhamutti dubara maqaan ishii Bilqiisaa Maammad Aliyyii jadhamtu jiraattuu aanaa Ciroo araddaa Sheek Adam osoo isheen magaalaa irraa galaa jirtuu waraanni faashistii karaatti qabuun gudeeddii erga irratti raawwatanii booda guyyaa lama of bira tursuun waajjira poolisii aanaa Cirootti geessanii gatuu maddeen keenya himan.

Gama biraatiin Adoolessa 9, 2023 aanaa Ciroo araddaa Najabaas, ganda Billisaa keessatti waraanni PP horii hawaasa humnaan saamuu fi jiraattota gara magaalaa imalaa turan akkasumas magaalaa irraa galaa turanis karaa irratti eeguun waan isaan qaban cufa irraa saamanii jiru.

Qonnaan bultoota warreen loon irraa saamaman keessaa
1, Abdallaa Jamaal saawwan dhaltii 3
2, Aliyyii Yuusuf, Qotiyyoo tokkoo fi saawwan dhaltii lama 2 maallaqa qarshii 15,000 irraa saamanii jiru.

Aanaa Qarsaa ganda Tuuttoo aradddaa Yaabataa salaamaa keessatti ammoo nama maqaan isaa Abdii Adam jedhamu milishoonni araddaa reebicha hamaa irratti raawwachuun erga inni harkatti laafee ofiif of fannisee jechuuf Marxoo isaa irraa baasuun fannisanii deemuu maddeen keenya himaniiru.

Abdii Aadam yeroo ammaa kana buufata fayyaa yaabataa Salaamaa keessatti du’aa fi jiru jidduu jiraachuus dabalanii addeessaniiru.

Exit mobile version