ONM-ABO Waxabajji 14, 2025
Aanaa Begii ganda Eegoo Girmoos keessatti shiftoonni murna PP yakka tokko malee shamarree maqaan ishee Dirribee Bagiree jedhamtu yakka dalagde jechuun halkan maatii ishee biraa fuudhanii gudeeddii irratti raawwachuun erga miidhaa irraan geessisanii booda halkanuma sana gara maatii isheetti yammuu deebisan, maatiinis ganama fayyummaa mucaa keenyaa ilaallee fudhanna halkan kanaan waan isin gootanii fiddan hin beeknu jechuun oggaa itti dubbatan humnaan mana cabsanii ol darbatanii deemuu maddeen gabaasan.
Shamarreen kunis miidhaa jabaan waraana sirnichaan waan irra ga’eef yeroo ammaa kana Hospitaala guddaa Asoosaatti yaalamaa akka jirtuu fi haalli fayyummaa ishee daran yaaddessaa ta’uu jiraattonni onichaa dabaluun ifoomsanii jiru.
Aadaa fi duudhaa uummataa balleessaa kan oolan ergamtoonni murna Bilxiginnaa saalfii tokko malee Hawwanii fi shammarran Oromoo maatii isaanii biraa fuudhuun akkasumas bakka arganitti qabuun gudeeddii irratti geggeessuun miidhaa jabaa irraan ga’aa fi ajjeesanii gataa jiraachuun kan beekamuudha.

