ONM-ABO Muddee 29, 2024
Bifaan fakkii namaa kan uffatan gochaan ammoo bineensa caalaatti dhala namaa balleessuuf kan bobba’an ergamtoonni murna bilxiginnaa garaa isaaniif jecha uummata Oromoo imimmaan dhiigaan makaa boochisaa oolan diinummaa Oromoof qaban ifaan ifatti mul’isuun dararaa hamtuu raawwachaa jiru.
Aadaaf safuu uummataa qabatanii kan hin guddanne goolessitoonni waraana sirna Bilxiginnaa gochoota safuu uummatichaa cabsan afaan qawweetti fayyadamuun shamarranii fi haawwan irratti raawwachaa jiru.
Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Tuccii keessatti Muddee 20, 2024 ganama toora sa’atii 4:00’tti shamarree maqaan ishee Ayyuraa Daalee jedhamtu maatii ishee manaa ari’uun kallattii 2’n itti dhufuun mana itti cufanii nama 2 ta’uun gudeeddii irratti rawwaatan.
Kanuma irraa ka’uun miidhamni guddaan waan irra ga’eef maatiin ishee Hospiitaala Maqiitti yaalchiisaa kan turan oggaa ta’u, miidhaa kana irraa yaalamtus dandamachuu waan dadhabdeef yeroo ammaa kanatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu jiraattoonni gandichaa hadheeffatanii ONM’tti himanii jiru.

