Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni murna Bilxiginnaa Gujii Lixaa Aanaa Dugdaa Dawaa keessatti shamarree tokko irratti gudeeddii raawwachuun miidhaa irraan ga’uun dhaga’ame

ONM-ABO Gurraandhala 4, 2025 

Aadaa fi duudhaa uummataa balleessuu malee kabajanii kabachiisuu kan hin beekne waraanni sirna dhableeyyiin murna Bilxiginnaa gochoota gara jabinaa garaa garaa uummata Oromoo irratti hammeessuun guyyuu dhiiga dhangalaasuu, hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi gudeeddii haawwanii fi shamarran Oromoo irratti jabeessuun dararaa hamtuu agarsiisaa jira.

Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawaa ganda Heemaa Kinchoo jedhamtu keessatti shiftoonni murna PP Guraandhala 1, 2025 halkan keessaa toora sa’a 5:00’tti abbaa fi haadha ishee biraa gadi baasuun shamarree maqaan ishee Jaallannee Turee jedhamtu irratti yakka gudeeddii raawwachuun miidhaaf kan saaxilan oggaa ta’u, yeroo ammaa kana shamarreen kun Hospitaala Bulee Horaatti yaalamaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.

Mirga lubbuun jiraachuu uummataa mulqanii daba sirna isaanii hammeenyaan guutame lafa qabsiisanii aadaa fi afaan ormaa Oromiyaa keessatti dagaagsuuf kan dhama’an gara jabeeyyiin ergamtoota impaayerattii guyyaa dhufee darbuun akka isaaniif danda’ame maraan jireenya ilmaan Oromoo maraa golgoleessuun saba Oromoottis yaaddoo jireenyaa ta’ee jiraachuus jiraattonni gochoonni dabaa irratti raawwachaa jiru yaada isaanii ONM’f qoodaniiru.

Exit mobile version