Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Walqixxee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata waltajjii waamuun holola facaasaa turuun himame

ONM-ABO Muddee 13, 2024

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee keessatti Muddee 11, 2024 ergamtoonni sirna bilxiginnaa impaayera ekeraa Minilikiin hargantu suphuuf kufanii ka’an, uummata waltajjii baasuun waraqaa barreeffamoota garaa garaa qabu itti hiruun sirba dirqii sirbisiisuun diraamaa hojjechaa turuu hirmaattonni waltajjichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti, waltajjiin kun kan adeemsifame magaalaa Meettaa mana barnootaa qophaa’inaa magaalichaa keessatti ta’uu fi hirmaattonni ammoo jiraattota bulchiinsa magaalaa Minaaree, Gooroo fi jiraattota magaalaa Meettaa akkasumas abbootii gadaaf haadholiin siinqee irratti kan argaman ta’uu himuun, bulchaan aanaa haasawaa erga taasiseen booda hirmaattotaaf waraqaan barreeffamoota akka: “abbaa keetu si waamaa galii, haadha keetu si waamaa galii” fi kkf jedhu qabu jiraattotaaf erga hirameen booda hundumtuu wal jalaa qabuun sagalee dhageessisaa turuun ibsameera.

Kaayyoon waltajjii kanaas miseensota ABO-WBO’f waamicha karaa nagaa taasisuu akka ta’e kan himan maddeen, uummannis waltajjii hololaa ta’uu hoggaa irratti baree didu, qaamuma isaaniif durgoo kaffaluun baasanii diraamaa dirqii hojjechaa kan turan ta’uu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.

Hirmaattonnis holola tibba kana Bilxiginnaan hooggana WBO waliin walii galtee nageenyaa mallatteessinee karaa nagaa galaa jiru jedhu sun soba ta’uu fi gantummaa Saanyii Nagaasaa fi fakkaattota isaa Bilxiginnaatti galaniis dursee bareechee waan beekuuf, akkasumas cichoominaa fi murannoo jaarmiyaa ABO-WBO dinqisiifachaa gara fuulduraattis jaarmiyaa ulfina qabeessa kana waliin hiriiruun qabsoo bilisummaa Oromootti gudunfaa gochuuf qophii ta’uu mirkaneessanii jiru.

Exit mobile version