Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti saamichi waraana faashistii PP’n lammiilee nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Muddee 15, 2024 

Namni maal nuun jedha jedhanii kan hin yaannee fi qaaniin namummaa tokkollee kan itti hin dhaga’amne loltoonni Bilxiginnaa, guyyuu uummata Oromoo saamuun dinagdee isaa dadhabsiisuu itti fufanii jiru.

Muddee 11, 2024 waraanni maafiyaan impaayerattii aanaa Guduruu ganda Qanaatee Dhiinsaa jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Caalchisaa Dungulaa jalaa loon 14 akkasumas,
  2. Cimdeessaa Iddeessaa jalaa ammoo loon 3 badii tokko malee saamuu fi namoota ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduu irrattis saamicha daangaa darbe geggeessanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.

Namoonni loltoota sirnichaan saamichi irratti raawwatame kunneen, qonnaan bultoota siyaasa kam keessa hin jirre ta’uu fi maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun hawaasa ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan waadamee rakkoo hamtuu keessa jiru saamuun harka namaa akka eeggatan taasisanii jiraachuu itti dabaluun ibsameera.

Exit mobile version