Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haleellaa dirooniin RSF’n lixa Sudaan hospitaala irratti raawwatameen namoonni 9 ajjeefamuun, 20 ammoo madaa’aniiru

ONM-ABO Muddee 14, 2024 

Lixa Sudaan keessatti haleellaa dirooniin Jimaata kaleessaa hospitaala kaaba Daarfuur keessatti raawwatameen lubbuun namoota 9 du’uu fi 20 madaa’uu qondaaltonni himan.

Ministeerri Fayyaa Sudaan haleellaa Al-Fashiritti raawwatame balaaleffachuun, humna dafee qaqqabaa (RSF) kan komate yoo ta’u, humnoota rookkeettiidhaan socho’an afur diroonii irraa dhukaase jedheera.

Koreen diddaa Al-Faashir keessatti hojii gargaarsaa irratti hirmaate akka jedhetti haleellaan kun hospitaala Sa’udii irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibseera.

Koreen kun itti dabaluudhaan haleellaan kun dhaabbatichi tajaajila yaalaa kennuu akka dhaabu kan dirqisiise yoo ta’u, Al-Fashir keessatti Caamsaa 10 irraa eegalee waraana Sudaan fi RSF gidduutti walitti bu’iinsi cimaan mul’ateera.

Magaalattii UN fi dhaabbileen gargaarsa idil-addunyaa akka wiirtuu hojii namoomaa naannoo Daarfuritti itti fayyadamaa jiru jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version