Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Imbaasiin Turkii Damaasqootti argamu waggoota 12 booda hojii isaa eegale

ONM-ABO Muddee 15, 2024 

Ergamni kun waggoota 12f erga addaan citee ture nooda Imbaasiin deebi’ee hojii isaa eegaluu hordofee  Sanbata kaleessaa magaalaa guddoo Siiriyaa Damaasqootti argamutti alaabaan Turkii ol kaafame.

Imbaasiin bara 2012 hojii dhaabe, Burhan Koroglu, Mooriitaaniyaatti ambaasaaddara Turkii, itti aanaa itti gaafatamaa ta’uun ifatti baname.

Ministirri Dhimma Alaa Turkii Hakaan Fidaan Kamisa darbe Korogluun gita hojii haaraa kanaaf sirnaan ramadaniiru.

Naannoo ergamni dippilomaasii biyyoota biroo hedduus itti argamanitti naannoo addabaabayii Rawda magaalattii kan argamu, Imbaasiin Turkii bara 2011 sirnichi mormitoota karaa nagaa irratti tarkaanfii humnaa erga fudhatee booda yeroo muraasaaf tajaajila isaa kennuu itti fufeera.

Hojjettoonni Imbaasii fi maatiin isaanii murtee kana hordofuun gara Turkiitti deebi’aniiru.

Erga jalqaba baatii kanaa mootummaan Bashar Asaad kufee as Qoonsila Jeneraalaa Siiriyaa Istaanbul jiru hojii isaa osoo addaan hin citin itti fufee jira jechuun France 24 gabaaseera.

Exit mobile version