Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Balaliin Daandii Xiyyaaraa Turkii waggoota 13f erga addaan citee booda Siiriyaa keessatti jalqabe

ONM-ABO Amajjii 24, 2025 

Daandiin Xiyyaaraa Turkii Kamisa kaleessaa balalii Istaanbul-Damaasqoo isa jalqabaa kan eegale yoo ta’u, kunis addaan cituu waggoota 13f sababa waraana sivilii Siiriyaatiin ture xumureera.

Imaltoonni gara 350 ta’an balalii gara buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Damaasqootti erga tikkeettii fi paaspoortii sakatta’anii booda yaabbataniiru.

Daandiin Xiyyaaraa Turkii bara 2012 hojii isaa erga dhaabee booda balalii Istaanbul-Damaasqootiin tajaajila gara Siiriyaa deebisee eegalee jira.

Yeroo waraanaa sanaatti lammiileen Sooriyaa gara miliyoona 4 ta’an biyya ollaa Turkii keessatti kooluu galaniiru, kunis biyyoota baay’ee ni caala.

“Gonkumaa duubatti hin deebinu jennee yaadnee turree,” jedhan namootni imalaa taasisan kun. “Garuu carraan yeroo dhufu baay’ee gammadne. Balalii jalqabaatiin gara biyya kootti deebi’aan jira, akka abjuutti natti dhagahama.”jechuu BBCn yaada imaltoota tuquun gabaaseera.

Exit mobile version